Oddeffannoo waayee komputeera- Kutaa 1ffaa

Kompitarri meeshaa hunda galeessa kan saganteeffamee (programmed) hojiiwwan qooyyabaa fi yaayaa ofumasaa hojjachu danda’u dha. Tarreen hojiiwwanii akka barbaaddametti jijjiiramuu waan danda’uuf, kompitarri rakko gosa baayyee furuu danda’a.

Akka walii galaatti, kompitarri yoo xiqqaate kutaa hijeessaa tokko, kunis Kutaa Hujeessaa giddugaleessaa (Central Processing Unit – CPU) ti, fi kuufannoo wayii (memory) qabata. Kutaan hujeessaa hojiiwwan qooyyabaa fi yaayaa (arithmetic and logic operations) raawwata, kutaan too’anoo (Control Unit) ammoo tartiiba ittiin hojiiwwan sun raawwataman odeeffannoo kuufannoo keessa jirurratti hundaa’ee too’ata. Meeshaleen alaa (peripheral devices) odeeffannoon madda alaarraa akka dhufu kan godhan yoo ta’u bu’aan hojiiwwan raawwatamnii akka olkaawwamuu fi bakka olkaawwamee deebi’ee akka dhufu gochuufis ni tajaajilu.

Yeroo Waraana Addunyaa II, kompitaroonni anaaloogii tajaajila waraanaa addaatif fayyadaa turan. Yerooduma kana kompitaroonnii dijitaalaa kan elektiroonikii kalaqaman. Kompitaroonni jalqabarratti oomishaman hanga kutaa guddaa tokkoo ga’u turan, humna elektirkii kan kompitaroota matayyaa (Personal Computer) harraa dhibba baayyeetti lakkaawwaman ga’uu danda’u nyaatu ture.

Kompitaroonni ammayyaa kan integireetid sarkiyuutii (integrated circuit) irratti hundaa’an dachaa miliyoonaa hanga biliyoona kompitaroota jalqabaa caala humna hujeessuu qabu, iddoo baayyee xiqqoos fudhatu ija warra jalqabaatti yoo ilaallamu. Kompitaroonni salphaan xiqqeeffamanii meeshaa socho’uu danda’u ta’anii hojjatamuu danda’u, kompitaroonni socho’uu danda’an (mobile computers) kunis baatiriidhaan hojjatu. Kompitarooni matayyaa (PC) gosaa fi akaakuu isaanii hundaan mallattoo Bara Odeeffannoo (Information Age) ti, namoonnis kompitara jedhanii kan isaan yaadan isaan kana. Haa ta’u malee, kompitroonni idaatii (embeded computers) kan meeshaalee adda addaa baayyee keessati argaman, tabattuu mp3 hanga xiyyara waraanaatti, meeshaa ijoollen ittiin tabattuu (toy) hanga roobootiitti, kan jiru isaan san caala baayyee dha.

Kompitara: Dhufa Jechichaa

Jecha “kompitara” jedhu kan jalqaba fayyadame barreessaa biyya Ingilaandi Richard Braithwait kitaaba isaa “The yong mans gleanings” jedhu keessatti ture. Jechi kun kitaabicha keessatti nama shallaga hojjatu kan ibsu ture, hiikaan jecha kompitara jedhus akkaata kanaan hanga jaarraa 20ffaa walakeessatti itti fufe. Dhuma jaarraa 19ffaatii kaasee garuu, hiikan jecha kompitaraa gara maashinii shallaga hojjatu kan jedhu kanatti jijjiiramaa deeme.

Kompitara: Seenaa

Meeshaaleen shallaga hojjatan kan bu’uuraa jalqaba kan uummaman bara durii keessa ture; meeshaaleen shallagaa makaanikaalaa (mechanical calculating aids) jaarraa 17ffaa keessa kalaqaman. Fayyadamni jecha kompitara jedhuu kan jalqabaas jaarraa 17ffaa keessa kan jalqabame ture, kunis maqaa namoota shallaga akka hojiitti ittiin qacaramanii hojjataniif kenname ture. Meeshaan kompitara jedhamu jalqaba kan yaadni isaa dhufe jaarraa 19ffaa keessa ture, haala amma jiru kanaan garuu bara 1940n keessa kalaqaman.

Kompitara: Kompitara Waan Hunda Hojjatu kan Jalqabaa

Diferensi injiinii Chaarles Baabeeji

Yaada kompitara saganteeffamu danda’u kan jalqaba kan burqisiise Chaarles Baabeeji, makaanikaal injinerii fi pooliimaz (polimath) lammii Ingilaandi. “Abbaa Kompitaraa” kan jedhamu Baabeeji, kompitara makaanikaalii kan jalqabaa jaarraa 19ffaa gara jalqabaa keessa yaadasaa erga bu’uuressee booda itti aansemmoo kalaqe. Erga diferensi injiinii (difference engine) kan qooyyaba bishaanirra deemuf barbaachisu hojjatu kalaqee booda,, bara 1833ttikan saxaxnisaa kan sana caalu, kan anaalitikaal injiini jedhamu uumuun akka danda’amu hubate. Naqni sagantaa fi daataa maashinii kanatti karaa panchid kaardii akka galu yaadame ture; panchid kaardin yeroo sana qasamii makaanikaalii warshaa huccuu keessatti too’achuuf tajaajila ture. Bahaaf ammoo, maashiniin kun maxxansaa (printer), pilooterii fi bilbila (bell) qabaata. Maashiniin kun lakkoofasa panchid kaarditti irratti booda akka dubbisuun danda’amuuf barreessuu danda’a. Injiiniin kun kutaa yaayaa herregaa, kutaa to’annoo kan utaalcha haalaa fi marsaa (loop) irratti hundaa’e, fi kuufannoo qaba; kunis saxaxa kompitara hunda-hojjatuu kan jalqabaa kan Tuurin-kompiliit ta’e isa taasisa.

Maashinoonni kun jaarraa tokko dursanii kan dhufan turan. Qaamni maashinii kanaa hundi harkaan hojjatamuu qaba ture – maashiniin kun qaama mana kumaatti lakkaawwamu waan qabuuf kuni rakkina guddaa ture. Dhumarratti, mootummaan Biriiten fandii kennuu waan dhiiseef pirojeektiin kun ni dhaabbate. Chaarles Baabeeji anaalitikaal injiini odoo hin xumurin kan hafeef sababa fandii fi siyaasaa qofaaf odoo hin taane, sababa yeroodhaa gara yerootti kompitara bayyee ulfaataa fi xaxamaa ta’e hojjachuuf yaaduu isaati. Boodarra garuu, ilmi isaa Henirii Baabeeji, bara 1888tii anaalitikaal injiinii kan duraan yaaddamerraa salphaa ta’e hojjatee xumure. Faayidaa kompitara kanaas bara 1906tti gabatee hojjachuun agarsiise.

Kompitara: Kompitara Anaaloogii kan Duraa

Maashinii Sar Wiiliyaam Toomsan kan dambalii bishaanii tilmaamu, 1879-81

Jaarraa 20ffaa gara jalqabaa keessa, fedhiin qooyyabaa kan saayinsii baayyeensaa kompitara anaaloogii kan yeroodha gara yerootti cimaa deemen raawwatama ture. Garuu, maashinoonni kun kan saganteeffaman miti, kan malees sirroominaa fi hunda galeessummaa kompitara dijitaalaa kan ammayyaa kanaan wal hin gitan.

Kompitarri anaaloogii kan jalqabaa kan kalaqame Sar Wiiliyaam Toomsaniin bara 1872 ture, kompitarri kunis danbalii bishaanii (tide) tilmaamuuf gargaara ture. Diferensiyaal anaalaayizeriin, kompitara anaaloogii kan gaaffii diferenshiyaalii itegireeshiniitti fayyadamuun furuuf saxaxame, bara 1876tti Jeemsi Toomsan, obboleessa Loordi Kelviin kan ta’en, yaadni isaa dhufe.

Beekkumsi kompitara anaaloogii makaanikaalii kan inni sadarkaa olaanaarraa ga’e diferensiyaal anaalaayizeriin yoo ta’u kanas kan hojjate H. L. Hazen fi Vannevar Buush MIT keessatti bara 1927 ture. Kunis makaanikaal integireeterii Jeemsi Toomsan fi toorki ampilifaayerii H. W. Nieman kalaqee irratti bu’uureffamee hojjatame. Kompitaroonni kun kan darzana tokko ta’an kan oomishaman yoo ta’u boodarra garuu teeknoloojiin isaan caalu waan dhufeef oomishni isaani ni dhaabbate.

Kompitara: Jalqaba Kompitara Amma

Priinsippiliin kompitara ammayyaa jalqaba kan ibsame saayintistii kompitaraa Alen Tuurinin yoo ta’u kunis bara 1936 barruu (paper) On Computable Numbers jedhamu irratti. Tuuriin daangaa piruufii fi qooyyabaa kan Kurt Gödel 1931 kan afaan yuuniversaalii kan qooyyaba irratti hundaa’e ture, meeshaa yaadaa qofaan jiru kan salphaa fi foormaalii ta’e kan Tuurinmaashin jedhamuun bakka buuse. Tuuriin mashinoonni akkasii qooyyaba herregaa sammuun namnaa yaaduu danda’u kamiyyuu yoo akka seermurtootti ibsuun danda’ame hojjachuu akka danda’an mirkaneesse. Itti fufees Entscheidungsproblemdhaaf furmaanni akka hin jirre dhugeesse (prove); kanas maashiniin Tuuriinii akka hojjachuu dhaabu mirkaneessuun hin danda’amu: walii galatti, seermurtoodhaan maashiniin Tuurin akka hojii dhaabu bira gahuun hin danda’amu.

Tuurin yaadaa ‘maashinii yuuniversaalii’ (kan amma ‘maashinii yuuniversaalii Tuuriin’) jedhamu kan uume yoo ta’u kunis maashinii hojiiwwan mashiiniin biraa kamiyyuu hojjatu kan hojjachuu danda’u dha; karaa biraa, maashiniin akkasii sagantaa teeppiirra kaawwame raawwachuun hojii qooyyabaa gosa kamiyyuu ni hojjata jechuu dha. Maashiniin akkasii kan saganteeffamu dha. Voon Niwumaan booda akka jedhetti bu’uurri handhuura kompitara ammayyaa barruu kana. Maashiniin Tuuriin amma harraattuu tiyoorii qooyyabaa keessatti handhuura qorannoo ti. Kuufannoon isaanii murtaa’aa ta’uurraan kan hafe, kompitaroonni ammayyaa Tuuriin-kompiliitii dha, kana jechuun dandeettii seermurtoo raawwachuu kan maashinii yuuniversaalii Tuuriinin qixxaatu qabu jechuu dha.

Kutaa 2ffaa itti fufa

Bekele Chaalatiin