Oddeffannoo waayee komputeera – Kutaa 3ffaa

Kompitara: Integireetid sarkiyuutin Tiraanzisterii Bakka Bu’e

Humna shallaguu keessatti olaansi guddaan itti aanu kan dhufe kalaqamuu integireetid sarkiyuutii ti. Yaada integireetid sarkiyuutii jalqaba kan burqisiise saayintistii raadaarii kan Royal Radar Establishment Ministeera Ittisaa hojjachaa ture Geoffrey W.A. Dummer. Drummer waa’ee integireetid sarkiyuutii ibsa jalqabaa ummataaf Waashingitenitti Symposium on Progress in Quality Electronic Components irratti Caamsaa 7 1952 kenne.

ICn jalqabaa kan kalqame Jaak Kilbii kan Teksaas Inistirumentis keessa hojjatuu fi Rooberti Nooyisi kan Feerchaayildi semiikondaakter keessa hojjatuuni. Kilbiin yaada jalqabaa waa’ee integireetid sarkiyuutii Waxabajjii 1958tti galmeesse, kanas sarkiyuutii hojjatu fakkeenyummaaf Fulbaana 12 1958 agarsiisun godhe. Iyyannoo mirga paateentii Guraandhala 6 1959 galcheen, Kilbiin meeshaa isaa haaraa kana akkana jedhee ibse “qaama wantoota semiikondaakterii…kan qabiyyeen elektiroonikii hundi guutummaan bakka tokkotti hojjatame”. Nooyisi yaada integireetid sarkiyuutii kan mataasaa waggaa tokkoo fi walakkaa booda fidee dhufe. Chiippiin Nooyisi rakkoo baayyee kan chiippiin Kilbii hin furreef furmaata kenna ture. Feerchaayildi semiikondaakteritti kan hojjatame chiippiin Nooyisi, silkeeniirraa hojjatame; kan Kilbii ammoo jermaaniyemirraa hojjatame.

Kalaqni haaraan kun fayyadamni kompitaraa hojii daladalaa fi matayyaaf ooluu irratti akka ariitin guddatu godhee, gara maayikiroopirooseserii kalaquuttis geesse. Yoma meeshaa kamtu maayikiroopirooseserii jalqabaa ti jedhu mormisiisaa ta’eyyuu, karaa tokkoon sababa hiikaa sirrummaa jecha maayikiroopirooseserii irratti waliigalteen hin jirreef, maayikiroopirooseseriin chiippii tokkorratti hojjatame kan jalqabaa Intel 4004 akka ta’e mormiin hin jiru. Intel 4004n, Ted Hoffn, Federico Faggin, fi Stanley Mazorn Intel keessatti saxaxamee hojjatame.

Kompitara: Socho’ii fi Guddina Kompitara Ismaartifoonii

Meeshaalen kompitaraa akkuma xiqqaachaa deemaninii fi umuriin baatirii socho’uu akkuma dabalaa deemeen, kompitaroonni socho’uu danda’an bara 1990n keessa baayyachaa deeman. Teeknooloojiin kompitara koyaa (laptop) fi kompitara salphaatti socho’an kan biraa oomishuuf gargaare kun, bilbila mobaayiliittis (cell phone) oomishtoonni meeshaalee shallagaa akka itti gochuu danda’an godhe. Bilbiloonni akkasii kun ismaartifoon jedhamuun beekkamu. Ismaartifoononni sirna dalagaa adda addaa kan fayyadaman yoo ta’u ariitidhaan meeshaa shallagaa gabaa too’ate ta’aa jiru, oomishtoonni akka gabaasanitti nuusa lammaffaa 2013tti qofa ismaartifooni miliyoona 237 oomishamee gabaaf dhiyaate.

Kompitara: Sagantaa Kompitaraa

Amalli kompitara ammayyaa kan maashinoota kan biraa hundarraa adda baasu tokko kompitaroonni saganteeffamuu danda’uu isaaniti. Kana jechuun ajajni wayii (sagantaa) kompitaraa kennamuu danda’a, kompitarris sana raawwata. Kompitaroonni ammayya kan ijaarrii Voon Niwuumaan irratti hundaa’an yeroo baayyee maashin koodii akka afaan saganteessaatti (programming language) itti fayyadaman qabu.

Sagantaan kompitaraa ajaja muraasa qofa ykn kan miliyoonatti lakkaawwamu ta’uu danda’a. Fakkenyaaf, hujeessaan jechoota fi weeb biraawuzeroonni ajaja miliyoonatti lakkaawwamu qabu. Kompitarri ammayyaa sekendii tokko keessatti ajaja biliyoonatti lakkaawwamu raawwachuu yoo danda’u dogoggora sirumaayyuu hin hojjatu. Sagantaan kompitaraa gurguddaan ajaja miliyoona baayyetti lakkaawwamu qabu kun, garee saganteessitootaatin (programmer) kan barreeffamuu fi waggaa muraasa kan fudhatu yoo ta’u, sababa ulfina hojii kanaarran kan ka’e yeroo hunda dogoggora ni qabaata.