Oddeffannoo waayee komputeera- Kutaa 2ffaa

Kompitara: Kompitara Elektiroomakaanikaalii kan Jalqabaa

Fakkaattii Z3, kompitara dijitaalaa, guutumaan ofumaa kan jalqabaa

Kompitaroonni jalqabaa elektiroomakaanikaalii turan; shallaga hojjachuuf iswiichiin elektirikii (electric switch) riileyii (relay) makaanikaalii too’atu ture. Maashinoonni akkasii saffisni isaanii xiqqaa ture, kanaafis kompitaroota gutummaan elektirikiin hojjataniin bakka buufaman, jalqaba vaakiyuum tuubittifayyadamuun. Z2, kan lammii Jarmanii Konraad Suuzetiin bara 1939 kalaqame, kompitara elektiroomakaanikaalaa kan rileyiin hojjatan keessa kan jalqabaa ti.

Bara 1941, Suuzen maashiniisaa kan jalqabaatti aansee Z3 hojjate, kunis kompitara dijitaalaa elektiroomakaanikaalii kan saganteeffamu, guutummaan ofumaa (automatic) kan ta’e kan jalqaba ti. Z3n riileyii 2000 irraa hojjatame, dheerina jecha kompitaraa laklamee 22 kan saffisa naannoo heerzii 5-10 hojjatu ture. Koodiin sagantaa fi daataan panchid fiilmii irra olkaawwama. Maashiniin kun kompitara ammayyaa wajjiniin amma tokko kan walfakkaatu ture, waan haaraa baayyee uume kan akka lakkoofsa firaakshinii fayyadamuu. Lakkurnyee (kan saxaxaa Chaarles Baabeeji irratti fayyadaman), kan hojiirra oolchuuf ulfaataa ture, lakkoofsa lameen (binary number) bakka buusun maashinoonni Suuzee teeknooloojii yeroo sana jiruutti fayyadamuun hojjachuuf salphaa fi irra caala amansiisaa akka ta’an isaan godha. Z3n maashinii Tuurin-kompiliitii ta’uu hin oolu.

Kompitara: Dhufaatii Kompitara Elektirooniikii Saganteeffamuu fi Vaakiyuum Tuubii

Sarkiyuutii elektiroonikii baayyee odoo hin turin bakka makaanikaalii fi elektiroomakaanikalii bakka bu’an, yeruma kana shallagni dijitaalaa shallaga anaaloogii bakka bu’e. Injineer Toomaas Filaaworsi, bara 1930n keessa kan Landanitti argamu Post Office Research Station keessa hojjachaa kan ture, elektirooniksii eksicheenjii bilbilaa (telephone exchange) irratti fayyadamuun ni danda’ama moo kan jedhu alooluu jalqabe. Meeshaan eksipermentii kan inni bara 1934 hojjate, wagaa 5 booda hojiirra oole; kunis cimdaa eksicheenjii bilbilaa gartokkeesaa, vaakiyuum tuubii kumaatamatti lakkaawwamnu fayyadamee, gara mala elektirooniikiin daataa hujeessutti jijjiire. USA keessatti, hojjattoonni Yuunivarsiitii Ayowaa John Viinsenti Atanasof fi Kilifoordi Beerii bara 1942 kompitara Atanasof–Beerii Kompitara (ABC) jedhamu hojjatan. Kunis kompitara dijitaalaa elektiroonikii ofumaa kan jalqabaa ti. Saxaxaan kun gutummaan elektiroonikii yoo ta’u vaakiyuum tuubii naannoo 300 fayyadame, kuufannoof ammoo kaappaasiterii diraamii naanna’utti qabatee jiru fayyadama.

Koloosesiin kompitara elektiroonikii dijitaalaa kan jalqbaa ti, iccitii Jarmanii cabsuuf tajaajile.

Yeroo Waraana Addunyaa II, Biriitishoonni Bletchley Park ergaa iciteeffame kan Jarmaniin ergitu cabsuun milkaa’an. Maashiniin iciteessaa Jarmanii, Enigmaan, jalqaba meeshaa elektiroo-makaanikaalii ta’e kan boombe jedhamuun cabsuun yaalame. Garuu, maashinii Jarmanii Loorenzi SZ 40/42 kan sanarraa xaxaa kan ta’e, kan walqunnamtii waraana olaanaaf fayyadaman, Maksi Niwumaan fi gareen isaa Filaaworsi maashinii Kolooses jedhamu akka hojjatu muudani. FilaaworsisGuraandhala 1943 jalqabee Koloosesii jalqabaa saxaxuu fi hijjachuuf ji’a kudha tokko itti fudhate. Mudde 1943 akka seeran hojjatu erga ilaallamee booda, Koloosesiin sun gara Bletchley Park akka dhaquuf fe’ame gaafa Amajjii 18 1944 erga achi ga’ee booda Guraandhala 5 ergaa iciteeffame kan jalqabaa cabse.

Koloosesiin kompitara dijitaalaa elektiroonikii kan saganteeffamu kan jalqabaa ti. Koloosesiin vaalvii (vaakiyuum tuubii) baayyeetti fayyadamae. Naqaa peepper-teepiidhaan kan fudhatu yoo ta’u hojii yaayaa adda addaa daatasaa irratti hojjachuuf kan qindeeffamuu dha, garuu Tuurin-kompiliitii miti. Koloosesiin MK II sagala kan hojjataman yoo ta’u MK I tokko ammao gara MK IItti geeddaramuun walumaagalatti kudhan ta’e. Koloosesiin MK I vaalvii 1500 kan qabu yoo ta’u MK II garuu 2400 qaba. MK IIn dachaa 5 saffisni isaa kan MK I caalu yoo ta’u fayyadamuufis salphaa ture, kunimmoo baayyee hojii icitii diiguu ariifachiise. ENIACn maashinii Tuurin-kompiliitii kan jalqabaa ti.

USAtti kan hojjatame ENIAC (Electronic Numerical Integrator and Computer)kompitara elektironikii kan saganteeffamu kan USA keessatti hojjatame kan jalqabaa ti. ENIACn Koloosesii yoo fakkaateyyuu, Koloosesii caalaa saffisa guddaa kan qabuu fi salphaatti kan jijjiirun danda’amu ture (flexible). Shakkii tokko malee ENIACn meeshaa Tuurin-kompiliitii ture, kanaafis rakkina kuufannoo isaa keessa taa’uu danda’u kamiyyuu shallaguu danda’a. Akkuma Koloosesii, ENIACirratti sagantaan haalaa keebilii fi iswiichii irratti hundaa’a, kompitara sagantaa kuufame fayyadaman kan booda dhufanirraa baayyee addaani. Erga sagantaan barreeffamee booda, harka namaatin iswiichii fi pilagiidhaan fayyadamuun kompitararratti galchuun ni barbaachisa ture.

Maashiniin kun saffisa olaanaa elektirooniksii fi dandeettii rakkoo xaxamaaf saganteeffamuu danda’uu walitti qabata. Ida’uu ykn hirrisuu 500 sekendii tokkotti hojjachuu danda’a, kunis saffisa maashinii kamiyyuu dachaa kumaan caala. Maashiniin kun muraa baayyisuu, hiruu fi iskuweer ruutii hojjachuu danda’us ni qaba. Kuufannoon saffisa olaanaan hojjatu jechoota 20 (baayitii 80) qofa. Maashiniin kun Yuunivarsiitii Peensilvaaniyaa keessatti geggeessummaa Joon Maakilee fi Presper Eckert kan hojjatme yoo ta’u hojiinsaa bara 1943 hanga dhuma 1945 fudhate. Maashiniin kun baayyee guddaadha, toonii 30 ulfaata, humna elektirikii 200 kw fayyadama, akkasumas vakiyuum tuubii 18000, riileyii 1500, fi rezisterii, kaappasiiterii fi indaakterii kuma dhibbaa olitti lakkaawwamu of keessaa qaba ture.

Kompitara: Kompitarri Sagantaa Kuufametti Fayyadamu Dhufuu

Gartokkee Manchester Small-Scale Experimental Machine, kompitara sagantaa-kuufamee kan jalqabaa.

Kompitaroonni jalqabaa sagantaa murtaa’e (fixed programs) qabu. Hojii inni hojjatu jijjiiruuf, shiboo buqqisanii bakka biraatti suuquu fi maashinii sana caasaa isaa jijjiiruu barbaachisa ture. Kompitarri sagantaa kuufame fayyadamuu yeroo dhufu kuni hundi jijjiirame. Kompitarri sagantaa kuufame fayyadamu saxaxa isaatin kurfii ajajaa qaba, akkasumas kuufannoosaa keessa garee ajaja (sagantaa) akkamitti akka shallagni hojjatamu agarsiisu kaawwata. Bu’uurri tiyoorii kompitara sagantaa-kuufamee kan kaawwame Alen Tuurinin barruu isaa kan bara 1936tini. Bara 1945, Tuurin Labiraatorii Fiiziksii Biyyaalessaatti (National Physical Laboratory) dabalamuudhaan kompitara dijitaalaa kan sagantaa-kuufame fayyadamuu hojjachuu irratti hirmaachuu jalqabe. Gabaasni isaa kan bara 1945 ‘Proposed Electronic Calculator’ jedhamu ulaagaa (specification) maashiniin akkasii kan qabatu ture. Joon Voon Niwuumaan kan Yuunivarsiitii Peensilvaaniyaa keessa hojjatus akkasuma First Draft of a Report on the EDVAC bara 1945 tamsaasuu jalqabe.

The Manchester Small-Scale Experimental Machine, maqaa masoon daa’ima kan jedhamu, kompitara jalqabaa sagantaa kuufame fayyadamuu. Kompitarri kun Yuunivarsiitii Viiktooriyaa kan Maanchisteritti argamu keessatti Frederic C. Williams, Tom Kilburn fi Geoff Tootilln hojjatame. Kompitarri kun sagantaasaa kan jalqaba Waxabajjii 21 1948titti raawwate. Sadarkaadhuma yeroo isaattu, kompitarri kun akka “xiqqaa fi dubatti hafaa” tti yoo ilaallameyyuu, kompitara hojjatu kan jalqabaa kan wantoota kompitara ammayaaf barbaachisaa ta’an qabu ture. Akkuma Small-Scale Experimental Machine hojjachuun akka danda’amu beekkameen, yuunivarsiitiicha keessatti pirojeektiin SSEM irratti hundaa’un kompitara faayyadamuun danda’amu hojjatu dhaabbate, kompitarri kunis Maanchister Maarki I jedhama.

Maarki I odoo hin turin kan maddaa (prototype) Ferranti Maarki 1 ta’ee, kunis kompitara gurguraaf hojjatame kan hojii hunda hojjatu kan jalqabaati. Ferrantiin hojjatamee, Guraandhala 1951 Yuunivarsiitii Maanchisteritti kenname. Yoo xiqqaate maashinooni kun kan 7 ta’an bara 1953 hanga 1957 gidduutti kan kennaman yoo ta’u kana keessaa tokkoo laabii Sheel kan Amisterdaam jirutti kenname. Onkoloolessa 1947tti, hooggantoonni kaampaanii Biriitish J. Lyons & Company kompitaroonni kana daldalaaf akka hojjataman beeksisuu keessatti shoora gudda tabachuuf murteessan. Kompitarri LEO I jedhamu Ebla 1951 hojiirra oole, hojii biiroo keessaa kan kompitarri hojjachuu danda’u hojjachuunis kan jalqabaa ta’e.

Kompitara: Tiraanzisteriin Vaakiyuum Tuubii Bakka Bu’uu

Baayipoolaar jaankshin tiraanzisterii

Baayipoolaar tiraanzisteriin bara 1947tti kalaqame. Bara 1955 kaase saxaxa kompitaraa keessatti tiraanzisteriin vaakiyuum tuubii bakka bu’e, kunis kompitaroota dhaloota lammaffaa jedhamu uume. Tiraanzisteriin vaakiyuum tuubiitti yoo madaalamu faayidaa baayyee qaba: bayyee xiqqaa dha, humna elektirikii xiqqaa barbaada, knaafis hoo’a xiqqaa uuma. Silken jaankishin tiraanzisteriin vaakiyuum tuubii caala baayyee amansiisaa dha, akksumas yeroo dheeraa hin daangeffamne hojjachuu danda’a. Kompitaroonni tiraanzisteriifayyadaman iddoo xiqqaa irratti sarkiyuutii yaayaa lamee (binary logic circuits) kuma kudhanitti lakkaawwamu qabatu.

Yuunivarsiitii Maanchister keessatti, gareen Tom Kilburn hoogganamu maashinii vaalvii odoo hin taane tiraanzisteroota haaraa uummaman fayyadamu saxaxanii hojjatan. Kompitarri jalqabaa kan tiraanzisteriitti fayyadamu kan isaan hojjatan, kan addunyaarratti kompitara tiraanzisterii fayyadamu kan jalqaba ta’e, bara 1953 hojii jalqabe, fooyya’aa lammaffaan Ebla 1955 xumurame. Haa ta’u malee, maashiniin kun kilookii 125 KHz ta’ee burqisiisuuf akkasumas kuufannoo maagineetiik diraamii irratti barreessuuf vaalvii fayyadama ture. Kanaafuu kompitarri guutummaan tiraanzisterii fayyadamu kan jalqabaa Harwell CADET kan 1955 ture; kompitarri kun Harwellitti kutaa elektirooniksii kan Dhaaba Qorannoo Anniisaa Atomiikiitin (Atomic Energy Research Establishmen) hojjatame.