Garagarumma Android fi IOS

Android

  • Operating system dhabata Googlin hojetamedha
  • Kan bu’ureffames Fulbana 23, 2008 akka lakkofsa awuropati
  • Kan hojatames bilbilota ismartfoni , tabileti, ismaart wachi, ismarti tv fi kan birafile tahu dandaha.
  • Bezin isa yookan kahumsi isaa Linux dha.
  • Opensource waan taheef gutumaa gututi “ customize gochu ni dandahama.
  • Operating system kana kan hojetu dhabata Google fi Open handset alliance jedhamu.
  • Operating system android afaanoota 100 qophahee jira
  • Fayila komputeri irraa fudhachuuf ykn dabarsuuf USB cable qofti gahadha
  • Akka filanoottis bilutuzi fi shering softiweeri tokko tokko fayadamun data fudhachuus dabarsuus dandeenya
  • Bilbila, tabiletifi omishota ismaarti tahani kan android tin hojetan dhabatoota bebekamo kessa (Samsung, Motorolla ,HTC, Sony,Nexus fa dha jechudha, biyya kenya kessatti kan fayadamtoota bayye qaban kessa (Tecno, Huwaei fadha jechudha)
  • Bakki kuusaa appilikeeshini android Google Play store jedhamuun bekama.
  • Apilikeshinoota miliyoona tokko oltu achira jedhame yadama baayyen bilisan kan fayadamu dandenyu yommu tahan kan immo in-app-purchase fi Paid version qofa tahu
  • Apilikeshin extention isa .apk jedhamun bekama
  • Bakka itti odeffanno kenya bilisan kufanu google cloud kan jedhamu bakka 15GB bilisan nuuf keennu, sana oliti fayadamuf yoo barbanne kafalti dabalata kaffalle itti dabalachu dandeenya.
  • Root gochudhaan akka nuuf mijatu goone fayyadamu dandeenya.
  • Tajajila sagaleti bilbila kenya ejeju ykn voice commander kan jennu Google Assistanti of kessa qaba.
  • Sababa salphati customize godhamuf “Less secure jedhame jedhame sodatama

IOS

  • Bilbila ismarti tahe iphone jedhamuratti, tabileti meshaale ismaarti tahan kannen akka ismarti tv, ismaarti wachifarratti argama.
  • Kahumsi isaas unix fi osx irratti kan bu’urefame hojetamedha
  • IOS operating system kan inni hojetu meshaale dhabata apple qofan hojetam irratti male hin hojetu kan jechuun dhabati apple alati kan hojetu kan biraan hin jiru jechudha
  • Kanan walqabate tahuti mijefachu hin dandeenyu jechudha, yo kana gochu barbanees dirqama jailbreak gochu dirqama jechudha.
  • Yerodhaf afanoota 34 qofan qophahee jira jechudha
  • Bakki kuusaa apilikeeshini isaanis apple store jedhamuun bekama
  • Dhabati apple apilikeshini kusaa biraa akka fayyadamnu hin barbadu
  • Apilikeshinoota miliyoona tokko oltu achira jedhame yadama baayyen bilisan kan fayadamu dandenyu yommu tahan kan immo in-app-purchase fi Paid version qofa tahu
  • Faayila komputera irra itti dabarsuuf yokan irra kahuuf dirqaba softiweeri iTunes jedhamu fayyadamuun sinkronayz gochu qabna ykn softiweerota dhabata biratin omishaman dirqama fayadamu qabna
  • Suuraa qofa gara komputerati fudhachuuf USB fayadamun softiweri malee fayadmna jechudha.
  • Kan beksifameef yeroo jalqabaf Guranadhala 2007
  • Bilutuzidhan kan odeffannoo fudhachuus dabarsuus dandeenyu meshaa dhabata apple omishaman qofaa iirraati
  • Tajajila sagaleti bilbila kenya ejeju ykn voice commander kan jennu Siri jedhamu of kessa qaba.
  • Icloud service of kessa kan qabu wan taheef android caalati secured jedhame bekama